LibreOffice 26.2 Help
Meeshaa hantuutee osoo hin fayyadamiin, gabatee furtuu qofa fayyadamuun LibreOffice to'achuun ni danda'ama.
Fuula gargaarsaa guddaa tokkoo tokkoo moojuulii irratti (fakkeenyaaf, barreessaa LibreOffice yookiin fuula gargaarsaa guddaa Calc LibreOffice) moojuulii sanaaf gargaarsa qaxxaamuraa kan gabatee furtuu gahinsa gochuuf geessituun ni jira.
Dabalataan, "Gaheenya" gabatee furtuu jalatti ajajaalee ejjattoo-ejjattoodhaan waa'ee meeshaa hantuutee malee akkamitti moojuulii filatamee to'achuun akka danda'amu argatta.
Karaa wantoota armaan gadii jijijjiirtota F6 xiyyeefannoo fi geengoolii irradeddeebiitiin dhiibuu:
kabala baafataa,
kamshaalee hunda gubbaa gara jalaatti fi bitaarraa gara mirgaatti,
foddaa bilisa mara bitaarraa gara mirgaatti,
galmee
Press Shift+F6 to switch through objects in the opposite direction.
Gara galmeetti jijjiiruuf,+F6 dhiibi.
Gara kabala baafataa fi duubatti deebi'uuf F10 dhiibi.
Escapen, baafata xiqqaa baname, kamshaa, ykn foddaa bilisa ammaa cufa.
Baafata jalqabaa filachuuf yookan F6 ykn F10 dhiibi (baafata Faayilii). Xiyya mirgaan, baafatni itti aanu kan mirgaa ni filama; xiyya bitaan, baafatni durii ni filama.
Xiyyi gadee baafata filame bana. Xiyyi dabalataa gadee fi olee, filannoo ajajoota baafataa keessatti siqsa. Xiyya mirgaatiin ammoo, baafatoota xiqqaa jiran mara banuu ni dandeessa.
Ajaja baafataa filame raawwachuuf Enter dhiibi.
Hanga sajoon jalqabaa kamshaa irra jiru filamutti F6 irra deddeebi'ii dhiibi. Kamshaa surdalaa irratti sajoo filachuuf xiyya mirgaa fi bitaa fayyadami. Haaluma walfakkaatuun, kamshaa sarjaa irrati sajoo filachuuf xiyya olee fi gadee fayyadami. Furtuun Home, kamshaa tokko irraa sajoo jalqabaa, furtuun End ammoo kamshaa isa dhumaa filu.
Sajoo filame raawwachuuf Enter dhiibi. Yoo sajoon filataman haala baratamoon gocha hantuutee irraa duuban barbaadu ta'ee, kan akka reektaangilii galchuu, san booda furtuu Enter qofa dhiibuun ga'aa miti: iddoo kanatti +Enter dhiibi.
Wanta fakkasaa uumuuf sajoo +Enter irratti cuqaasuu. Wanti fakkaasaan gidduu mul'annootti hammamtaa dura ibsame waliin bakka qabata.
Galmee keessaa wanta fakkaasaa jalqabaa filachuuf, meeshaa filannoo irraa +Enter dhiibi. Yoo wanta fakkaasaa filaman gulaaluu, hammamteessuu, ykn siqsuu barbaadde, xiyyeefannoo galmee keessatti sirreessuuf jalqaba C+F6 fayyadami.
Yoo kamshaan argii irratti mul'achuu kan danda'u caala ta'e, sajoo gara handaara mirgaa ykn jalaatti agarsiisa. Sajoo hafan agrsiisuuf kamsha filachuun PageUp ykn PageDown dhiibi.
Kamshaa filame banuuf xiyya gadee fi mirgaa dhiibi. Innis cuqaasa hantuutee waliin waltiqixa. Kamshaa keessatti furtuuwwan xiyya mirgaa fi bitaa fayyadami. Furtuuwwan Home fi End kamshaa keessaa sajoo jalqabaa fi dhumaa walduraa duubaan filu.
Esc dhaan kamshaa cufi. Hantuuteen alatti kamshaa siqsuun hin danda'amu.

Saanduqa makaa fili. Enter dhiibi.
Galfattoota saanduqa makaa gadee maruuf, xiyya gadee ykn furtuu Page Down, ykn olee maruuf ammoo xiyya olee ykn furtuu Page Up fayyadami. Furtuun Home gara galfata jalqabaatti fi furtuun End gara galfata dhumaatti si geessu.
Galfata filame raawwachuuf Enter dhiibi.
Foddaawwan, Qaaqawwanii, fi dirree to'annoo gabatee hedduu keessaa, deetaa filachuuf gabateewwan ni jiru, fakkeenyaaf, gara mirgaa Mul'annoo Madda Deetaa keessatti. Furtuuwwan armaan gadii gabatee kanneen keessaa filachuuf fayyadu:
Kabala iddoo: tarree ammeef filannoo jijjiiruu fi filannoo hunda dhiisa, garuu yoo maadheen ammaa haalata gulaalli keessa jiraate hin ta'u.
+Kabala iddoo: filannoo tarree ammee fi dhiisuu filannoo kana jijjiira.
+Shift+Kabala iddoo: filannoo tarjaa ammaa
+Xiyya Olee yookan +Xiyyaa Gadee gargareessaa gabatee fi unka gidduu siqsa, fakkeenyaaf barroo tarroo kuusdeetaa keessaa.
To'annoo gabatee yookiin mul'annoo madda deetaa keessatti, furtuun Tab tarjaa itti aanutti siqsa. To'annoo itti aanuu siqsuuf, +Tab dhiibuu dandeessa. Too'annoo duraa siqsuuf, Shift++Tab dhiibi.
Jalqaba +spacebar dhiibi.
Sirni baafataa ajajoota kan akka Siqsi, Hagamtaa Jijjiiri fi Cufi ni bana.
Ajaja (xiyya gadee, itti aansee Enter) filadhu.
Qaaqaa ykn foddaa, siqsuuf ykn hagamtaa jijjiiruuf amma furtuuwwan xiyyaa fayyadamuu dandeessa.
Jijjiirama fudhachuuf Enter dhiibi. Jijjiirama dhiisuuf Escape dhiibi.
Hanga foddaan ykn kamshaan filamutti F6 dhiibi.
+Shift+F10 dhiibi.
Press Shift+F4 to select the first object in the current document. When an object is selected, press Tab to select the next object, or press Esc to go back to the text.
Wanti OLE filame kan kaka'u furtuu Galchi jedhuuni.
Safartuu tarsaa qulqullinaa tokkoon wantoota filaman siqsuuf, furtuulee xiyyaatti fayyadami.
Set the grid resolution unit with - LibreOffice Writer - Grid in the Resolution area. If you enter a number greater than 1 in the Subdivision area, you must press the arrow key as often as the number states to move the selected object by one grid resolution unit.
Wanta filatame piikseelii tokkoon siksuuf fi furtoota xiyyaa fayyadami.
Qabannoo haalataa gulaali galchuuf, +Tab fayyadami. Qabannoon bitaa innii gara gubbaa qabannoo si'aadha, liphsachuu eegala. Qabannoo itti aanuu filachuuf, +Tab fayyadami. Qabannoo haalataa gulaaluu keessaa bahuuf, Escape fayyadami.
Qabannoo haalataa gulaali keessatti, furtootni xiyyaa qabannoo filataman isa hamamtaa wantichaa jijjiiru siksa.
Korkoddii kan wanta tokko furtoota xiyyaa waliin siqsuu nidandeessa. Jalqaba qabannoo haalataa gulaali galchitii, korkoddii filadhu. Akaakuu korkoddii irratti hundaa'uun, korkoddiicha gara adda addaatti siqsuu nidandeessa.
Wanticha filadhu.
Qabannoo haalataa gulaali, +Tab waliin galchi.
Qabannoon bitaa innii gara gubbaa liphfachuu eegala. Yeroo hedduudhaaf +Tab dhiibi, hanga qanannoon humtuu hin liphfannetti. Asattoo kun ammaa korkoddiin wantichaa akka ka'aa ta'e agarsiissa.
Korkoddiicha siqsuuf furtoota xiyyaa fayyadami. Wantaan akka barbaachisumaasaatiitti korkoddiicha dukaa bu'a.
Korkoddii wanta filatamee, fakkeenyaaf baafata halqaraa wantoota keessatti jijjiiruu nidandeessa.
Yoo wantichii Gara Keewwatatti korkoddaa'ee, furtuun xiyyichaa, wanticha gara keewwata duraaniitti ykn gara keewwata itti aanuutti siqsa.
Yoo wantichii Gara Fuulaatti korkoddaa'ee, Furtooti PageUp yk PageDowniin gara duraaniitti ykn gara itti aanuutti siqsa.
Yoo wantichii Gara Arfiitti korkoddaa'ee, furtootni Xiyyaa, keewwata ammee keessa siqsu.
Yoo wantichii Akka Arfiitti korkoddaa'ee, sajoon korkoddii kamiyuu hinargamu. Wanticha siqsuu hindandeessu.
Yoo wantichii Gara Goodayyaatti korkoddaa'ee, furtootni Xiyyaa, qixa irraa duubaatiin goodayyaa itti aanuutti siqsa.
+ Shift + F4 opens and closes the data source view.
F6: galmee fi kamshaa gidduutti jijjiira.
+ (furtuu idaatii): aloolaa madda deetichaa keessatti galfata filataman baldhisa.
- (furtuu hir'inaa): aloolaa madda deetichaa keessatti galfata filataman qoncoorsa.
+Shift+E: aloolaa madda deetaa fi gabatee gidduutti jijjiira.
F6: kabala wantaa, mul'annoo gabatee, fi iddoo filannoo gidduutti jijjiira.
+Xiyya olii ykn +xiyya gadii: daangaa mul'annoo gabatee fi naannoo filannoo olii fi gad siksa.
+Furtuu xiyyaa: gabatee filatame gara kallattii xiyyaatti siqsa.
+Shift+Furtuu xiyyaa: gabateen filatame mul'annoo gabatee keessatti hammamtaa jijjiira.
Del: Mul'annoo gabatee irraa, gabatee fi walindhaa filataman haqa.
Tab: gabateewwanii fi walindhaa, mul'annoo gabatee keessaa gidduutti jijjiira.
Enter: yammuu walindhaan filatamuu, furtuun Enter qaaq